😥Oduu Gaddaa Magaalaa Naqamtee

Magaalaa Naqamtetti lolaan lubbuu namoota shanii galaafate.
Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti, rooba cimaa gaafa Hagayya 06, bara 2025 roobe hordofee balaan lolaa magaalattiitti mudachuun ibsame. Balaa lolaa Mudate kanaanis namootni shan lubbuun isaanii darbuu Obbo Dabalaa Tamasgeen, Itti gaafatamaan waajjira koomunikeeshinii Magaalaa Naqamtee ibsan.
Obbo Dabalaan Itti Dabaluunis balaan lolaa kun Magaalaa Naqamteetti gandoota sadii keessatti mudachuu ibsanii, garuu Balaan Lolaa Lubbuun namoota kanaa akka Darbuuf Sababa ta’e Rooba Cimaa Lolaa gandoota 02 fi 07 keessatti bakkeewwan maqaan isaanii Daargee fi Jaatoo jedhamanitti Uume ta’uus ibsaniiru.
Balaan lolaa kun qabeenya rrattillee miidhaa geessisuu isaa Obbo Dabalaan dubbachuu Tikvaah Itoophiyaa gabaaseera.
Jiraattonni magaalaa Naqamtee balaa Uumame kanaan gadduu ibsanii, ammas roobni gannaa kun kan itti fufu waan ta’eef mootummaan tarkaanfii eeggannoo fudhachuu qabas jedhaniiru. Itti dabaluun Jiraattootnis yeroo gannaa kanatti Roobni cimaa fi lolaan Mudachuu ijaa danda’uuf of eeggannoo gochuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Naqamtee gama isaatiin dhaamsa of eeggannoo jiraattotaaf dabarsaa akka jiru ibse. Jiraattonni daandii lolaa akka sirreessan fi qulqulleessan muki naannoo manaa yoo jiraate akka jigsan, itti himamaa akka jiru Obbo Dabalaan dubbataniiru. Addis Standard Afaan oromootu gabaase Maatii gaddi mudateef jajjabina hawwina‼️
Appii kana Buufadhaa Isin fayyadaa 👇
https://play.google.com/store/apps