Ajajoota WBO tiif Muudamni Kenname

0
Share πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Wanti hin eegamne ta’e Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota WBO duraaniif muudama kennuu Beeksise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) duraanii ji’oota lama dura Muddee 01, 2024 mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii galaniif muudama laachuu himeera.

Qondaaltoota WBO duraanii muudaman kunneen Ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Jaal Sanyii (Yaadasaa) Nagaasaa dabalatee namoota sadii ta’uu beekameera.

Haaluma kanaan Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti Gorsaa Nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.

Dabalataan Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa I/A Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru.

Obbo Sanyii Nagaasaa waliigaltee mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mallatteessan ilaalchisee ibsa Muddee 06 laataniin, waliigalteen β€œdhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti” xiyyeeffata jedhan kun β€œguyyoota lama booda” hojiitti akka seenu ibsanii turan.

Haaluma kanaan Ajajoota Waraanaa WBO duraanii Sadaniif karaa Nagaa Filachuu isaaniitiin Aangoo Kennuudhaan Bulchiinsa Oromiyaa keessaa akka qabaatan godhameera.


Share πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *