Ajajoota WBO tiif Muudamni Kenname

Wanti hin eegamne ta’e Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota WBO duraaniif muudama kennuu Beeksise.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) duraanii jiβoota lama dura Muddee 01, 2024 mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii galaniif muudama laachuu himeera.
Qondaaltoota WBO duraanii muudaman kunneen Ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Jaal Sanyii (Yaadasaa) Nagaasaa dabalatee namoota sadii taβuu beekameera.
Haaluma kanaan Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti Gorsaa Nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa taβuun muudamaniiru.
Dabalataan Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa I/A Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa I/A Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa taβuudhaan muudamaniiru.
Obbo Sanyii Nagaasaa waliigaltee mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mallatteessan ilaalchisee ibsa Muddee 06 laataniin, waliigalteen βdhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irrattiβ xiyyeeffata jedhan kun βguyyoota lama boodaβ hojiitti akka seenu ibsanii turan.
Haaluma kanaan Ajajoota Waraanaa WBO duraanii Sadaniif karaa Nagaa Filachuu isaaniitiin Aangoo Kennuudhaan Bulchiinsa Oromiyaa keessaa akka qabaatan godhameera.