Miidhaa Itoophiyaanotarra gahaa jiru

0
Share πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

πŸ˜₯Miidhaan lammiilee Itoophiyaa irratti raawwatamaa jiru nu yaaddessa! Barreessaa Walii galaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa Luba Darajje Janbaru.

Lubichi Ibsa kennaniin Miidhaa lammiilee Itiyoophiyaa dhiheenya kana galaana Yaman keessatti lubbuu isaanii dhabanii fi kanneen Afrikaa Kibbaa keessa jiran irratti raawwatamaa jiru ni balaaleffanna jedhan Barreessaan Olaanaa Mana Maree Waldoota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa.

Barreessaan Olaanaan kun Mana Maree waliin waajjira isaaniitti walga’ii taasisaniin, lammiileen Itoophiyaa kanneen Afrikaa Kibbaa keessa jiran karaa waajjira damee Mana Marichaa xalayaa komii erganiiru.

Ityoophiyaan walabummaa Afrikaa Kibbaatiif gumaacha guddaa kan goote yoo ta’u, lammiileen ishee kabajaan jiraachuun isaaniif malus wanti isaan irra ga’aa jiru garuu naamusaa fi seeraan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis komii kana xalayaadhaan mootummaa Afrikaa Kibbaa, Imbaasii Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiruu fi Ministira Dhimma Alaa biyya kana keessa jiruuf dhiheessuuf qophii ta’uu ibsaniiru.


Share πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *