Yaalii Ajj**chaa Caalaa Bultumee

Weellisaan Duraanii Caalaa Bultumee Kan Dhalate Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduuttiidha.
Yeroo Baandii Buraayyuu keessa ture Miindaan isaa ji’aa qarshii 700 ture. Haata’u malee Bara 2018 A.L.A tti Qabsoo Qeerroowwan Oromiyaa gaggeessanitti makamuun Sirboota qabsoo Hojjeechuun Jijjiirramni siyaasaa akka dhufuuf baayee dhama’aa ture.
Haata’u malee Sababa Qabsootti seeneef Ajj**famuuf baayee barbaadamaas ture.
Yerootti yeroo Artist Haacaaluu Hundeessaa Ajj**famee booda garuu of eeggannoo taasisu cinaattis Fuulasaa gara Amantaatti naanneessuu filate.
Waggaa 2n duras Gara Kiristoositti dhufe ergasii kaasee garuu hamma kana Siyaasa Oromoo keessatti hamma kana ifatti sochiin godhu hin mul’atu.
Haata’u malee Erga Dirree Qabsootti Weelluu isaatiin beekamtii guddaa horatee booda si’a 5 ol yaaliin Ajjeechaa irratti yaalameera.
Akka Odeeffannoon bahaa jiru addeessuutti Eda galgala jechuunis August 9 2025 Halkan keessa Artistiin Oromoo Caalaa Bultumee Qaamota hin beekamneen Reebamuu fi Miidhaan irra gahee Hospitaalatti yaalamuun dhaga’ameera.
Yeroo ammaa kana Caalaa Bultumee Hospitaalaa Bahee gara Mana isaatti galeera Yaaliin erga Taasifameefiis haala Gaarii irratti argamas jedhameera.
Ofii Qaamotni hin beekamne kanneen Artistootaa fi namoota beekamoo Itoophiyaan qabdu Ajjeesuun Ajandaa Walitti bu’insaa uuman kun eenyu fa’ii? Namoota Halkan Edaa Caalaa Reeban fi Namootni Artistii beekamaa fi qaalii Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Ajjeesan hoo garaagara moo namuma tokkodha laata..?
Fuul duratti Odeeffannoo Qulqullaa’aa Hordofnee isin biraan geenya.
Appii kana Buufadhaa Isin fayyadaa π
https://play.google.com/store/apps