😭Faar Alamaayyoo G/Masqal Boqotan Nagaatti‼️

0
Share 👇👇👇

Faarfattootni Ol butamaa jiru Bara 2018 Bara Itti Faarfattootni Oromoo keessaa bahan Gara Gooftaa isaaniitti Butamuu jalqabanidha.

Ol fudhatamuu ykn Butamuu Amantootaa hubachuuf taateewwan muraasni barana Torbanoota gidduutti raawwatamaa jiranii fi Ergaan Macaafa Qulqulluu barreeffaman baayee murteessoodha.

Malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti in geddaramna; malakanni in afuufama, warri du’an immoo bifa hin badneen in kaafamu. Wanti hin badne, iddoo wanta badu kanaa, wanti hin duune iddoo wanta du’u kanaa bu’uutu ta’a.
Qorontos Isa Duraa 15:52-53

Waggoota dhihoo asitti tajaajiltootni utuu tajaajilarra jiranii nu biraa fudhatamaa akka jiran ni hubattu kun egaa isa macaafa qulqullurratti lama ta’anii ituu qotanii tokko biraa fudhatama, lama ta’anii utuu hofciitti daakanii, lama ta’anii ituu tajaajilanii tokko biraa fudhatama isa jedhuudha.

Nuyi amma dubbii gooftaa keessaa waan arganne isinitti himuuf jenna; nuyi warri gaafa gooftaan deebi’ee dhufu utuu hin du’in jirru, warra obbaafatan dura hin buunu. Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga’ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu’a; warri Kristositti amananii du’an dura in kaafamu.

Kana booddee nuyi warri utuu hin du’in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna*. Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!
1Tasaloniiqee 4:15-18

Torbanoota dabarsine kana keessa Faarfattoota Baayee Jaallannu Aynaalem Kaasahun Nama dubbiin Afaan isaa Damma caalaa mi’aawuu fi qabaa Dargaggoota beeku fi Faarfataa Eyuel Walee boqotanii torban tokkoo booda Ammas Faarfataa fi Abbaan Dhalootaa Gara Biraan Waggoota 50tti dhiyaatanif Faarsaa fi Tajaajila isaatiin nu eebbisaa ture Alamaayyoo G/Masqal Gara Gooftaa isaanii adeemaniiru.

Alamaayyoo G/Masqal Maatii Amantoota Kiristoos ta’anirraa dhalatan. Bara 1974 Umuriisaa Waggaa 15nitti Dachee Gujii keessaa Bara Dukkanaa keessa Tajaajila Faarfannaaf Dibamee as bahe Jalqabe. Faarfannaa isaatiin Dhalootni hedduun Eebbifameera. Tajaajila isaa Afaanota Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliffaatiin Biyyootarra naanna’ee nama Waaqayyoon Faarfatu Dacheen Oromoo Argatte.

Ijoollummaa isaanii irraa kaasaanii amantii isaanii keessatti Yesuus kirstoos faarfachuufi lallabaa turaniiru.

Jireenna tajaajila isaanii gara Gujiifi Booranaatti taasisaa turan keessatti gatii guddaa wongeelaaf baasanii jiru. Namni Guddaan Abbaan Dhalootaa Dacheen Bulee Horaa Biqilchite Alamaayyoo G/Masqal.

Akkasumas dachee Oromiyaa hedduurra naanna’uun wongeela lallabaniiru. Akkasumas Afaan Amaaraafi Ingiliffaan kutaalee biyyattii Itoophiyaa baadiyaafi magaala irra naanna’uun wongeela lallabaaniiru, faarfataniiru akkasumas barsiisaniiru.

Bara mootummoota darbanii  bara amantaa akka barbaadanitti gaggeeffachuu hin dandeenne keessatti gatii guddaa wongeelaaf kanfaluun nama wongeelli akka dhalloota hardhaatti darbu taasisan keessaa isaan tokko turan.

Kana qofa osoo hin taane Faarfataa Alamaayyoon faarfattoota hedduuf nama fakkeenya ta’an turan. Akkasumas Angafoota faarfattootaa gara kibba Oromiyaa Gujiifi Booranaa jiran keessaa isaan tokko.

Faarfataafi hojjataa wongeelaa Alamaayyoo G/Masqal daangaa yeroo Waaqayyo biyya lafaa irratti isaaniif kenne keessatti hojii faarfannaafi lallabaa irra turuun gara Gooftaa isaanii deemaniiru.

Abbaan Ijoollee 4 Durba Lamaa fi Dhiira lamaa Faarfataa Alamaayyoo Gabra Masqal nama Haadha manaa tokkoo yommuu ta’u Ijoollee isaa keessaa Mucaan dhiiraa isaa 3ffaarratti dhalate akka Abbaa isaa Faarfataa akka ta’e Abbaan isaa Faarfataa Alamaayyoon dubbataniiru.

Faarfataa Alamaayyoo G/Masqal Kaleessaa Fayyaa Guutuu fi gaariirra ture. Faarfataa Alamaayyoon Maqaa Masoo fi Jaalalaa Aleks jedhamuun Waamamaa ture.

Halkan Edaa Faarfataa Aleksi gara sa’aatii 2:00tti haala dansaa keessa waan hin turiniif Dhukkubbiin itti dhaga’amee jennaan gara Hoospitaala Bulee Horaa ariitiin akka geessan maatiin Jirra 24/7 himaniiru.

Haaluma kanaan halkan Walaakkaa gara sa’atii 7:00tti Yeroo dhiyaatu  hospitaalli Bulee Horaa akka gara Hoospitaala Hawaasaatti deemee yaalamuu qabu riferaalii barreessaniif.

Kana gidduutti Otuu gara Hospitaala Hawaasaa deemaa jiranuu halkan Walakkaa gara Sa’aatii 9:00tti Faarfataa Alex gara Gooftaa isaa isa Tajaajilaa ture deeme.

Faarfataa Aleks (Alamaayyoo G/Masqal Biyyoota Itoophiyaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi k.k.f deemee, woggoota 50 oliif amanamummaadhaan Waaqayyoo fi namalle tajaajilaa akka turan ibsameera.

Faarfataa fi lallabaa Wangeelaa Buleessa akkasii dhabuun baayee nama Gaddisiisa Waaqayyo maatii, Amantoota, Michootaa fi Firoottan isaaniitiif jajjabina haa kennu.

Appii kana Buufadhaa Baayee Isin Fayyada 👇👇

Download


Share 👇👇👇

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *